Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waayit Haawus Marii Traamp fi Puutiin Tibba Walgahii G-20 Godhan Jedhame Laalchisee Ibsa Kennuurra Akkuma Of-qusatetti Jira


Waayit Haawus, jalqaba baatii kanaa yeroo walga’iin biyyoota duureyyii Addunyaa irraa G-20 jedhamanii yero Hamburg, Jarmaniitti geggeessameetti marrii irbaata irratti Prezidaant Traamp fi Prezidaantii Raashiyaa, Vilaadmiir Puuutiin gidduutti geggeessame ilaalchisee ibsa kennuu irraa akkuma if qusatetti jira.

“Irbaatni sun, irbaata waliin-haasaa ti. Bifa galgala sanaa tu akkanuma” jedhan – dubbi-himtuun Waayit Haawus, Saaraa Hakabii Saanders, waa’ee mata-dureelee hoogganoonni lameen irratti haasawanii ennaa gaafataman.

Guyyaa tokko dura immoo, waa’ee wal-ga’ii Traampii fi Puutin dhuunfaatti geggeessan kana ennaa maddeen oduu gabaasan, Mr. Saanders, waa’ee kanaa gaafatamanii, “mana-nyaataa guddaa tokko keessatti, yeroo hoogganoonni biyyoota digdamaa olii isan cina taa’anii argaa jiranitti akka marii dhuunfaatti haasa’uun isaanii xiqqoo wanna bitaachawaa dha – jedhanii turan.

Dippiloomaatonni duraanii, xiinxaltoonni siyaasaa fi seera-tumtoonni ka garee Dimookiraatotaa, ibsa kaleessa Saanders jedhan sana ilaalchisee ennaa yaada kennan, “kun waan baratamaa miti” jedhan.

XS
SM
MD
LG