Xurree ittiin seenan

Breaking News

Chayinaan Loolttoota Ishee Daangaa Jabuutii fi Ertraa Irratti Bobbaasuuf Itti Yaadaa Jirti


eritrea djibouti border
eritrea djibouti border

Chaayinaan daangaa wal falmisiisaa ta’e kan Jabuutii fi Ertraa irratti humnootii nagaa eegsisan bobbaasuuf itti yaadaa jirti. Kunis Qaataar ji’a darbe humnootii ishee gamasii eega baaftee booda.

Gamtaa Afrikaaf Diploomaatii sadarkaa olaanaa kan ta’an Kuang Weilin jimaata har’a akka dubbatanti Eshiyaa keessatti guddaa kan ta’e waraana chaayinaa biyyoota alaa keessa qubachuun dabalaa deemeera.

Chaaynaan gaafatamnaan falmii biyyoota lameen gidduuu maanguddummaan ilaaluuf kan feetu ta’us ibsanii jiru.Chaayinaan baatii kana keessa miseensoota waraana ishee Jabuutii kan qubsiifte yoo ta’u kunis maadhee waraanaa isa jalqabaa biyyoota alaa keessaa qabdu ta’uun beekamee jira.

XS
SM
MD
LG