Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sadarkaa Waraana biyyaatti Koriyaan Lamaan Marii Jalqabuu Qabu: Koriyaa Kibbaa


Sadarkaa humna waraanaatti mariin akka gaggeeffamuuf waamicha koriyaan kibbaa gara jalqaba torban kanaatti dhiyeessitee turteef Koriyaan kaabaa haga ammaa deebii itti hin kenniin jirti.

Ministriin ittisaa koriyaa kibbaa koriyaan kaabaa gaaffii keenyaaf battalumatti deebii kennuu qabdi jechuun irra deebi’uun yaadachiisan.

Kan baatii caamsaa darbe aangoo qabatan prezidaantiin koriyaa kibbaa sagantaa Nukleera koriyaa kaabaa danqaa isa mudatee furuu akkasumas uggura Amerikaan keesse deggeruu kan ilaaleen mootummaan koriyaa kaabaa fi kibbaa irraa furmaanni gama lameeniin barbaadamuu qaba jedhu.

Ministriin ittisaa suul irraa yaada dhiyeesseen Jimaata har’a koriyaa kaabaa wajjiin marii gaggeessuun waraana biyyoota lamaanii giddutti karaa banuu kan jedhu karoorfatanii turan.Kunis koriyaan kaabaa yaalii dhukaasa meeshaalee Nukleeraa fi misaa’eela balistiik itti fuftee yeroo jirtu kanatti muddamnii hammaatee qunnamtii fi odeeffannoo dhabuun akka hin uumaneef ta’uun ibsamee jira.

XS
SM
MD
LG