Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Naayjeriyaa Amma Iyyu Briteen Keessa Jiru


Prezidaant Mahammud Buhaariin Lananitti hogantoota kaan yeroo simatan
Prezidaant Mahammud Buhaariin Lananitti hogantoota kaan yeroo simatan

Prezidaant Mahammud Buhaarii wal’ansa fayyaa argachuuf jecha Abujaa irraa gara Briteenti eega imalanii guyyaa 78 booda yeroo jalqabaaf Dilbata kaleessaa suuraan isaanii mul’ate.

Suraan kunis jila bulchitoota kutaalee kan Naajeriyaa waliin laaqanaaf walitti qabamanii ituu kolfanii kan agarsisuu ture.Gorsaan prezidaant Buhaarii Femi Adesina suuraa prezidaantichaa fees book ofii irratti maxxansan.

Kannen laaqanaaf ta’an kun miseensoota paartii prezidaant Buhaariiti.Prezidaantichii gammadaa fi marii sa’atii tokko fudhate irratti hirmaataa akka turan ibsee jira.

Suraan kun sirrii ta’u isaa garu hin mirkaneeffamiin jira.Umriin isaanii 74 kan ta’e Buhaariin waggaa kana keessa qofa guyyaa 128f wal’ansa fayyaa argachuuf jecha Naayjeriyaan ala jiru.

XS
SM
MD
LG