Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kaabuul Keessatti  Dhoohinsa Bombii Dhaqqaben Lubbuun Namoota Galaafatame


Magaalaa galma mootummaa Afghanistaan Kaabuul keessatti Of wareegaan Taalibaan bombii konkolaataa irraa dhoseen yoo xiqqaate lubbuu nama 25 galaafatee kanneen kurna hedduu ta’an madeessee jira.

Ministeera haajaa biyya keessaa kan ta’an Najib Danish waa’ee namoota ajjefamanii ennaa ibsan magaalaa Kaabuul gama dhiyaa keessatti kokolaataa Bombiin guutameetu minii baasii siviloota mootummaaf hojjataniin guutameetti rukutame.

Yeroo dhohinsii kun dhaqqabeetti immoo Awutoobusnii lafa gabaa namnii itti heddumaatu keessa darbaa ture namoota daldalaa turanii fi achiin darbaa ture hedduu galaafate jechuun kanneen ijaan argan oduu gabaastootaaf ibsan.

Angawoonni Hospitaalaa lakkofsii kun dabaluuf jira jedhu.Dubbi himaan polisii Kaabuul raadiyoo sagalee Amerikaaf akka ibsanti kanneen midhaan irra ga’e hedduun isaanii kaampaanii albudaaf fi boba’af kan hojjatan ta’uun ibsan.

XS
SM
MD
LG