Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhalataan Oromoo Mana Hidhaa Qilinxoo Ture Tokko Kaleessa Du'uun Beekkame


Ayyalaa Bayyanaa
Ayyalaa Bayyanaa

Odeeffannoo adda addaa dhaabilee biyya alaa jiraniif interneetii dhaan dabarsuu dhaan shororkeessummaan shakkamanii an hidhamani fi galmee Malaakuu Kinfee jalatti an himataman hidhamtoota sadeet keessaa dargaggoo Ayyalaa Bayyanaa mana hidhaatti dhukkubsachaa turee hospitaala Phaawloositti erga geeffamee booda guyyaa kaleessaa lubbuun isaa darbuun beekamee jira.

Manni hidhaa Qilinxoo hidhamaan kun maliin akkaa du'ee odoo hin ibsiin du'uu isaa qofaa bellama harra irratti mana murtiti beeksise. Manii murtiis sababni du'a Ayyalaa fi waraaqaan ragaa du'uu isaa ibsu beellama ittii aanutii akkaa dhihaatu ajejeera.

Maatiin Ayyalaa fi hidhamotoonni wajjin turan garuu "du’uu isaatif sababni dararaa mana hidhaa keessatti irra ga’e" shakkii jedhu qaban. Ayyalaa dabalatee dhimmi himatamtoota saddeettanii haraa mana murtii Lidataa dhaddacha 19ffaatti dhiyaatee jira.

Dhalataan Oromoo Mana Hidhaa Qilinxoo Ture Tokko Kaleessa Du'uun Beekkame
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:04 0:00

XS
SM
MD
LG