Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muummichi Ministeeraa Paakistaan Himannaa Malaammaltummaan Aangoo Irraa Bu’an


Manni murtii ol aanaan Paakistaan muummichi ministeera biyyattii Nawaaz Shariif aangoo mootummaa qaban irraa battala akka bu’an ajajee jira.

Dubbi himaan waajjira muummicha ministeeraa kana kan labse manni murtichaa ajaja kana dabarsee yeroo xiqqoo booda yoo ta’u Shariifis murtii kana simatanii jiran.

Ajaji sun ennaa filannoo bara 2013 ennaa kaadhimamaa ta’anii dhiyaatan qabeenyaa isaanii biyyootii alaatii qaban beeksisuu dhaban jechuun tuqee kakachuu dhaan galmee kijibaa dhiyeessan, Shariif nama amanamaa mirti,kanaaf miseensummaa paarlaamaa irraa mulqineerra jedha.

Prezidaantiin Republikii Islaamummaa Paakistan akka heera biyyattii-tti adeemsi dimokraasummaa akka itti fufu mirkaneeffachuu qaba jedha.

Manni murtichaa Shariifiin biyya alaatti qabeenyaa kuufatanii dhoksanii humnaa ol jiraatan jechuun himate.

XS
SM
MD
LG