Xurree ittiin seenan

Tasgabiin Akka Bu’uuf Prezidaant Uhuruu Keenyaattaa Gaafatan

  • VOA

Keniyaa bakka Nyongoro jedhamtuu fi kan konyaa Lamu keessatti namoonni sadii kanneen biskileeta motaraa akka Taaksiitti oofan ajjefamuu Gazexaan biyyatti Deeylii Neshiinailu jedhamu gabaasee jira.

Hidhattoota al-shabaabiin ajjefaman shakkiin jedhu jira.Sadeenuu kan ajjefaman dhukaasii hidhattotaan eega irratti banamee booda ta’uun ibsamee jira.

Awutoobuusa qabeenya kaampaanii Kipini Raha taate irratti daandii guddicha Garsen-Lamuu jedhamu irratti dhukaasa banuun har’a waaree booda ajjeesan.

Hidhattonni kun bosoona keessaa abbaa arganti kan dhukaasan yoo ta’u booda garu polisiin eegumsa barbaachisu gochuu jalqabe.Imaltoonni hedduun mada’anii gara Hospitaala Wirtuu keessa jirtutti ergamu kanneen ijaan argan ibsanii jiru.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG