Xurree ittiin seenan

Breaking News

Wal’aansa Fayyaa Fooyyessuuf Leenjii Bulchiinsa Damee Kanaatu Barbaachisa: USAID


Itiyoophiyaan gama dammee fayyaan fooyya’ina guddaa argamsiisuu ishee USAIDn ibsuu dhaan rakkoo gama kanaan jiru furuuf hojjetaa turuu isaa beeksiseera.

Sirna guyyaa har’aa geggeessame irratti damee fayyaa hoogganuuf leenjii barbaachisu argachuutu barbaachisa jedhameera.

Leenjiin har’a xumurame kunis rakkoo akkasii furuuf deggersa maallaqaa USAIDtiin dhaaba bu’aaf hin hojjenne kan sadarkaa addunyaa MSH jedhamuun kan geggeessamu projektii waggoota shanii ti.

Projektiin bara 2011 jalqabamee fi bara 2017 xumuramu kun minister deetaa dhaa jalqabee hoogganoota damee fayyaa sadarkaa ol aanaa qabee hanga gadiitti jiran 4000 dameen kun attamiin geggeessamuun akka irra jiraatu leenjii fudhachuun isaanii ibsameera.

Leenjii kana itti fufuu kan dandeessisu qajeelfamni barnootaa illee qophaa’ee har’a beeksisamee jira.

USAIDtti waajjira Itiyoopiyaatti gorsaa ol aanaa kan ta’an obbo Isheetee Yilmaa VOA dhaaf akka ibsanitti projektichi maallaqa xiqqoo dhaan ba’ii guddaa argamsiisaa jira.

Maallaqi ba’e doolaara miliyoona 7 ta’a. projektiiwwan gurguddoo ka biroo waliin ennaa ilaalamu kun baay’ee xiqqoo dha. Haa ta’u malee qooda inni qabaate, jijjiiramni inni fideef barbaachisummaan isaa mul’ataa kan dhufeef projektii gumaacha ol aanaa qabu.

Biyya keenya keessa bakka duwwaa guddaatu jira. Namni oguma fayyaa waan qabaateef akkaataa bulchiinsaa beeka jechuu miti. Kanaaf bakki duwwaan kun waan beekamuuf, naannoo bulchiinsaan beekumsa agachuun akka irra jiraatu waan itti amanameef, hojjettoota mootummaa fi namoota dhuunfaa dhaqqabuuf yaalii goonee jirra jedhan obbo Isheeteen.

Wal’aansa Fayyaa Fooyyessuuf Leenjii Bulchiinsa Damee Kanaatu Barbaachisa: USAID
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:08 0:00

XS
SM
MD
LG