Xurree ittiin seenan

Breaking News

Of Wareegdonni Keellaa Embaasii Afgaanistan Keessaa Weeraran


Magaalaa galma mootummaa Afgaanistan Kaabul keessatti embaasii Iraaq irratti haleellaan raawwatame sa’aatilee afur booda dhaabachuu isaa ministeerri dhimma biyya keessaa mirkaneesseera.

Humnootiin Afgaan kanneen haleellaa raawwatan sadan galaafatanii dhukaasa geggeessameen poolisiin tokko qofti madaa’uu isaa ibsee, miseensota embaasichaa irra miidhaan kan hin geenye ta’uu ministeeri dhimma biyya keessaa beeksiseera.

Of wareegdonni meeshaa waraanaa hidhatan haleellaa isaan raawwatan kan qindeesse ana jechuu dhaan gareen IS beeksisee jria.

Haleeltota keessaa tokko keellaa embasichaa fuulleetti boombii ofitti dhoosuu dhaan kanneen biroon akka ol seenan taasise jechuun ministeerri dhimma biyya keessaa Afganistan beesisieera.

XS
SM
MD
LG