Xurree ittiin seenan

Joon Keelii Itti Gaafatamaa White House Ta’uun Hirbuu Seenan

  • VOA

Generaalli humna galaanaa US duraanii John Keelii itti gaafatamaa Whaite house ta’u dhaan hojii isaanii har’a jalqaban.

Jeneraal Keeliin har’a White House keessatti hirbuu seenan. hanga ammaatti ministeera naga eegumsa biyyoolessaa ta’uun hojjetaa kan tauran jeneraale Keeliin hojii isaanii isaa haaraa dhaan itti gaafatamni isaanii ijoon White House sirnaan akka hojjetu gochuu yoo ta’u illee hojii ajaa’ibaa ni hojjetu jedheen abdadha jechuun faarsan prezidaanti Traamp.

Hanga ammaatti hojii gaarii hojjettaniif baga gammadan. Amma immoo generaalli tokko akka itti gaafatamaa white house ta’uun, yoo danda’ames hojii sanaan ol jiru hojjeta abdii jedhun qaba jedhan Traamp .

Prezidaant Traamp itti gaafatamaa White House duraanii Rayans Priibus-n jimaata darbe hojii irraa ar’uun bakka isaanii jeneraalicha muudan. Bulchiinsi Traamp aangoo qabatee baatilee xiqqoo darban keessa gargaartonni isaanii kan White House hamee keessaan raafamaa turan. prezidaantichis hedduu isaanii sababaa adda addaan hojii irra ari’aniiru.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG