Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yaaroon Hafuuraa Waldoota Oromoo Warra Wangeelaa 22ffaan Jalqabame


Koonfiransii Waldaa Kiistaanaa
Koonfiransii Waldaa Kiistaanaa

Konferensiin ykn yaaroon hafuuraa kan tokkummaa waldoota Oromoo warra wangeelaa inni 22ffaan kamisa kaleessaa galgala jechuun Adoolessa 27 bara 2017 magaalaa Minneapolis MN keesatti jalqabamee jira.

Konferensii kana irratti amantoonni Kirstaanaa kutaalee US adda addaa irraa akkasumas Oromiyaa irraa dhufan irratti argamaniiru. Konferensii bara kanaa kan qopheesse “Our Redeemer Oromoo Evangelical Church” ykn waldaa Oromoo magaalaa Minniyaapolis keessa jirtu. Konfrensiin akkasii bara 1995 magaalaa Filaadelfiyaa keessatti Oromoota Kirstaanota ta’aniin fi kan biyyoota ambaa keessa jiraataniin jalqabamuu prezidaantiin waldatti beeksisaniiru.

Yaaroon Hafuuraa Waldoota Oromoo Warra Wangeelaa 22ffaan Jalqabame
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:39 0:00

XS
SM
MD
LG