Xurree ittiin seenan

Breaking News

Senetiin Ameerikaa Seera Insuraansii “Obamacare” Haquu Dadhabe


Senetiin US kan Obamacare jedhamuun beekamu seera insuraansii fayyaa waggoota torba dura hojii irra oole keessaa hanga tokko haquuf har’a ganama barii wal ga’uun itti hin milkaa’in hafe.

Seera tumtoonni Ripaablikaanotaa sadii kan kutaa Arizoonaa John McCain, kan kutaa Alaaskaa Lisa Murkowski fi kan kutaa Main Susan Collins dimokraatota cina hiriiruu dhaan tattaaffii Repablikaanonni seera kana haquuf godhan kuffisaniiru.

Prezidaant Doonaald Traamp ergaa Twitter sagalee kennuu sana booda maxxansaniin ripaablikaanota kanneen demokraatotaaf baabsan qeeqan.

Republikaanota sadii fi demokraata 48ttu uummata Ameerikaa jalaa didan jedhan.

Insuraansii fayyaa Obamacare jedhamuun lammiiwwan Ameerikaa miliyoona 20 ta’antu fayyadmoo dha. Akka qorannaa geggeessameetti seerri ripaablikaanonni dhiyeessan kan “skinny repeal” jedhu utuu darbe ta’ee lammiiwwan Ameerikaa miliyoona 16 taantu insuraansii fayyaa dhabu.

XS
SM
MD
LG