Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bidiruun Baqattoota Fe’atte Andaara Galaana Turkiitti Garagalte Lubbuu Shan galaafatte


Yaballi gara odola Grikiitti deemaa turte tokko andaara galaana Turkiitti keessatti kaleessa galgala gargaluu isheen ijoolleen shanii fi dubartoonni lama du’anii jiran.

Angawoota andaara galaana eegan maqaa dha’uu dhaan dhaabbati oduu Turkii Anadolu akka gabaasetti doonittiin kan liqimfamte Ceseme dugdee Aegean kan konyaa Lzimir cinatti ture.

Namoonni sagal jechuun kan Iraaq afur, kan Somaaliyaa kan baraaraman ennaa ta’u tokko achi buuteen dhabameera.

Anadolu-n akka gabaasetti poolisiin namoota seeran ala nama deddeebisan kanneen yabalattiin utuu gad liqimsamaa jirtuu dhiisanii baqatan barbaadaa jira.

XS
SM
MD
LG