Xurree ittiin seenan

Breaking News

Paartiin Mormiituu Tokkummaan Guutummaa Itiyoophiyaa fi Semaayaawii paartiin Bara Haaraa Dhufuuf Qabsoo Karaa Nagahaa Itti Fufna Jedhan


Akka bar-lakkoobsa Itiyoophiyaatti bara amma xumurame – bara 2009, bara baay’ee rakkisaa – kan ittiin jedhan – paartiileen mormitootaa Itiyoophiyaa lama – Tokkummaan Guutummaa Itiyoophiyaa fi Semaayaawii paartiin, bara haaraya dhufaa jiru – bara 2010tti jijjiirama haaraa fiduuf, qabsoo karaa nagaa kan itti fufan ta’uu ibsa har’a gaazzexootaaf kennaniin beeksisanii jiran.

Bara haaraya dhufaa jiru kana keessa, xiyyeeffannaan isaanii inni duraa, filannoo bulchiinsa magaalaa Finfinnee ta’uu ka dubbatan – paartiileen lameen, gama kanaan sochii cimaa gochuuf karoora baafachuu isaanii fi yoo uummatni sagalee isaa kennii fi sagalee isaa eeggate shakkii tokko malee kan injifachuuf jiran ta’uu ibsa har’a kennaniin beeksianii jiran.

“Deemsa waggoota digdamii ja’aa, kan irreen-bultummaan geggeessamu jalatti, uummatni mirga isaa gaafatuu fi mirga isaaf falmatu uumnii jirra” kan jedhan – hoogganoonni paartiilee lameenii, bara haaraa dhufaa jiru kana keessatti illee yoom iyyuu caalaa, dimookiraasummaan, ol’aantummaan seeraa fi mirgi dhala-namaa akka kabajamu gochuuf, dimookiraasummaan biyyoota biraa keessatti mul’atu akka biyya keenya seenu gochuuf, qabsoo karaa nagaa ka jabeessanii itti fufan ta’uu ibsan – jechuun, Eskindir Firew Finfinnee irraa gabaasee jira.

XS
SM
MD
LG