Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sudaan Kibbaa: Yuunaaytid Isteets Uggura Aangawoota Mootummaa Lama Irra Keeche Deebitee Ilaaluu Qabdi


Yunaayitid Isteets, “kanneen nageenya Sudaan Kibbaa booressaa jiru – ittiin jette - aangawoota ol’aanoo mootummaa Sudaan Kibbaa lamaa fi hoogganaa waraanaa duraanii tokko irra uggura kaa’uuf murtii dabarsite keessa-deeebitee ilaaluu qabdi – jetti – Sudaan Kibbaa.

Mootummaan Yunaayitid Isteets -- Ministara Odeeffannoo Sudaan Kibbaa - Maaykil Maaku’ii, hoogganaa waraanaa gameessa – Maalek Ruubenii fi Jeneraala waraanaa Pool Maalong irra uggura kaa’uu ishee Roobii dheengaddaa beeksiste.

Aangawoonni sadeen wal-dhibdee Sudaan Kibbaa babal’isuudhaan, nageenya buusuuf carraaqqii godhamutti danqaa ta’an – jechuudhaan tarkaanfii kana fudhate – Mootummaan Waashington.

“Qondaalli waraana Sudaan Kibbaa gameessi – Maalik Rooben, waraansa biyyattii keessaa irraa bu’aa guurrataa jira” – jechuun – ka balaaleffate, mooutummaan Yunaayitid Isteets, Kaampaaniilee qondaalichaan to’atamu – jedhaman afur irras uggura kaa’ee jira.

Ministarichi Dhimma-alaa Sudaan Kibbaa – Maayikil Maaku’ii immoo, haleellaa humnoota naga-eegumsaa Tokkummaa Mootummootaa irratti geggeessame qindeessuu fi akka gargaarsi uummata hin dhaqqabne irraa maqsuutti baleeleffatti – Yunaayitid Isteets.

Walii-galteen nageenyaa bara 2015 mootummaa mormitoota gidduutti mallatteessamee ture, ajaja Jeneraal Pool Maalongiin, magaalaa Jubaa cinatti haleellaa mooraa finciltootaa irratti banameen ka fashale ta’uu isaas Yunaayitid Isteets beeksistee jirti.

Kaleessa, Raadiyoo Sagalee Ameerikaa, Damee Sudaan Kibbaatti xiyyeeffatee hojjetuuf kan ibsa kennan – dubbi-himaan ministrii dhimma-alaa Sudaan Kibbaa, “uggurri kaa’ame kun baay’ee nu gaddisiisa. Uggurri waan gargaaru hin qabu. Akka nuti yaadnutti, mootummaan Yunaayitid Isteets ka gochuu qabu, kan nuti gochaa jirru gargaaree biyyattii keessatti nageenya buusuu dha” – jedhan.

Generaal Maalong, eega prezidaantii biyyattii – Saalvaa Kiir wajjiin wal-dhabanii booda, yeroo ammaa, hidhaa manatti-ugguraa keessa jiran.

Sudaan Kibbaa, bara 2013 irraa jalqabee, wal-waraansa mootummaa biyyattii fi mormitoota gidduutti geggeessamuun danqamtee jirti.

XS
SM
MD
LG