Xurree ittiin seenan

Obonboleettiin “Hurricane Irmaa” Jedhamu Odoola Dominikaan Ripublik Irra Darbe

  • VOA

Obonboleettiin cimaan jandoo makatee buubbisu, kan “Hurricane Irmaa” jedhame, odoola Dominikaan Ripublik irraa dabree jira.

Obonboleettiin kun, sadarkaan isaa shanii fi ka balaa hamaa fiduu danda’u ta’uu dubbatu – ogeeyyiin qilleensaa.

Obonboleettiin sun Dominikaan Ripublik bira tare iyyuu, buubbeen, jandoo fi roobni sana irraa maddee odoolattii dhaqqabe lubbuuf sodaachisaa ta’uu isaa tu dubbatama.

Prezidaantiin Yunaayitid Isteets, Donaald Traamp, odoola rakkoo maallaqaatiin gidiramtuu fi caasaa ijaarsaa ishee balaa sana irraa oolchuuf yaaddoo hamaa keessa jirtu – Poortoo-Riikoo keessatti labsii gargaarsa yeroo hatattamaa labsanii jiran. Labsiin kun, akka dhaabbatni to’annaa balaa yeroo hatattamaa, kan Mootummaa Federaalaa Yunaayitid Isteets – FEMAn, hojii baraarsaa odoolattii irratti geggeessu taasisa.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG