Xurree ittiin seenan

Breaking News

Angawaan Mootummaa Oromiyaa Afaan Oromoo Afaan Federaalaa Gochuu Irratti Hojjachaa Jirra Jedhan


Addisu Arega
Addisu Arega

Itiyoophiyaa keessatti, akkuma beekamu, mootummoota bulchiinsa naannoolee keessatti afaan hojii afaanuma naannoolee sanaa ta’u illee, afaan hojii federaalaa garuu, Afaan Amaaraa qofa. Gaaffiilee paartiilee mormituu Oromoo fi uummatni Oromoo kaasaa turee fi jiru keessaa tokko Afaan Oromoo Afaan hojii mootummaa federaalaa ta’uu qaba, ka jedhu. Dhiheenya kana gama mootummaatii, itti-gaafatamaan biiroo dhimmota Koomiyunikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaa, “Afaan Oromoo Afaan Federaalaa gochuu irratti hojjetaa jirra. Hundinuu tumsa gochuu qaba” jechuudhaan, feesbuukii isaanii irratti maxxansanii jiran.

Kana ilaalchisuudhaan, dhaaba yeroo dheeraaf gaaffii kana akka kaayyoolee isaa ijoo keessaa tokkootti dhiheessaa ture – Kongiresa Federaalawa Oromoo irraa, akkasumas, ogeeyyii miidiyaa hawaasummaa irratti gaaffiin kun akka deebii argatu duula geggeessaa turanii fi dargaggoota “sababaa Afaan Oromoo Afaan hojii federaalaa tahuu dhabeef oguma keenyaan hojii dhabne” jedhan irraa Tigist Gammee qophii har’aaf haasofsiistee jirti. Dhaggeeffadha.

Angawaan Mootummaa Oromiyaa Afaan Oromoo Afaan Federaalaa Gochuu Irratti Hojjachaa Jirra Jedhan
please wait

No media source currently available

0:00 0:15:01 0:00

XS
SM
MD
LG