Xurree ittiin seenan

Breaking News

Murteen Abbaa Alangaa Deeviid Maaraagaa Lammilee Keeniyaa Biratti Kan Jalqabaati


Dursaa paartii mormituu Raayilaa Odiingaa deeggartoota isaanii waliin, Naayirobi, Fulbaana 3, 2017.
Dursaa paartii mormituu Raayilaa Odiingaa deeggartoota isaanii waliin, Naayirobi, Fulbaana 3, 2017.

Murteen Abbootii Alangaa jahaan dheengadda Filannoo Pirezendaantummaa Keeniyaa ilaalchisuudhaan darbe, lammilee biyyatii biratti miira adda addaati uume. Kaan ni gammade, kaan waanti kun sirriillee miti ka jedhe jira, kaanis kun waan biyya Keeniyaa keessatti ta’ee hin beeknellee dha jadhan. Keessumaa deeggartoonni dursaa Paartii mormituu biyyattii Raayilaa Odiingaa filannoon lafaa ta’uuf deemu haqaan gaggeeffamuu danda’a jechuun yoo gammadani, deeggartoonni Uhuuruu keeniyaaattaa garuu waan kanatti hagas hin gammadne.

Joon Doombii dhalataa Keeniyaa Naayiroobii naannoo Kibeeraa bakka namootni galiin isaanii xiqqaan baayyinaan jiran jiraatudha. Innis akka jedhuttii,

‘Murtee Manni Murtii Olaanaa kenne kanatti baayyeen gammade. Maaliifii hedduun maal ta’a laata egereen murtee kanaa jedhee eegaati ture. Akka koottis, sagaleen koo sirriitti naaf hin lakkaawamne yaada jedhuun qaba, namoonni kunniini sagalee keenya nujelaa hataniiru, kanaaf murteen kuni darbuu isaatti baayyeen gammade’ jechuun waan itti dhagaa’ame dubbate.

Jiraataan Kibeeraa kun dabaluudhaanis, yoo bara 2013 filannoo biyyaalessaa Keeniyaa irratti Raayilaan Mana murteetti Ol Iyyate, Manni murtee alas murtee

quubsaa hin kennine ture, kanaaf amma Murtee akkas garaa nu gahu kenna jedhee tasaa yaadee hin beeku jedha. Itti aansees haqi akkasii kuni biyyoottan Afriikaa kaaniifillee dhaamsa gaarii qabaachuusaa dubbateera.

Abdii Ibraahim Guyyoo Keeniyaa, Kutaa Maarsabiititti dhalatee guddate, innis deeggaraa uhuuruu yoo tahu, murteen dheengadda darbe kuni, haala diinagdee biyyattiitiif gaarii miti jedha.

‘Murtiin tuni guddoo jajjabduu, maan jennaan amma xiqqoo dudduuba nu deebiftii, hojjaa furan (Filannoon) laf deemu, Ikoonomiin guddoo hin deemu, biyaashaaraan (Daldalli) lafa keessa guddoo hin deemtu. Namni kawaayidaa (akka durii) hojii sirkaalaallee (hojii humnaa) argachuu hin danda’u, maan jennaan waanni cufti hin hidhamti. Waanuma siyaasaa kana gul (duukaa) yaana. Ammoo warri Maarsabit kaawuntiilleen akka nuti Kuraa san keessatti agarreefii warra Juubilii dhahe, 84% namni ka Uhuuruuf Kuraa dhahe. An guddoo rifadheyyuu, akkan beekutti Kuraa karum dansaan dhoofnee haqumaan Shiindine (Moo’anne) ammaa irra deebi’aan tuni guddoo nu rifachiifti. Maan jennaanii, nuyi akka nu beennuttii kuraa hin hanne, warri Juubilii kaanii kuraa guddum qabaa, kuni guddoo miti aadaa beektaa irruma yaanaa amma yakubbaalle (Ya fudhanne).’ Jedha.

Abdiin dabalee, Manni Murtee Keeniyaa murtee akkasii kennuun isa gammachiisuudhaa baatus, aadaan deemokrasii biyya isaa akkas fooyya’uutti garuu baayyee gammadeerallee jedhe.

Pirezideentiin biyyatti murtee kana nan kabaja malee hin fudhu jechuun jimaata ibsa erga kennaniin booda, galgaluma sana Abbootii Alangaa Murtee kana kennan jechaan tuquun isaanii Waldaa Abbootii Alangaa keeniyaarraa mormii isaaniinitti kaaseera. Biriyaan Kaaheembaa Gaggeessaa Waldaa Abbootii Alangaa keeniyaati. Isaanis ibsa waldaa isaanii bakka bu’uun kennaniin, lammileen biyyattii fi namooti siyaasaa Abbootii Alangaa maqaa xureessuurraa akka of qusatan gaafatan.

Kaleessa dilbata waaree dura gaggeessitoonni garee Paartii Mormituu NASA Naayiroobii naannoo hurumaatti deeggartoota isaaniitiin ka mariyatanii turan yoo tahu, Dursaan isaanii Raayilaa Amooloo Odiinga filannoo lafaa deemsifamuuf jiru gaggeessuuf Boordiin Filannoo biyyattii akka of fooyyessu akeekkachiisanii jiru.

Filannoo lafaa tahuuf jedhu kanaafis Uhuuruu keeniyaattaa fi Raayilaa Odiingaa dhiyootti akka duula na filannoo jalqabanis himanii jiru.

Murteen Abbaa Alangaa Deeviid Maaraagaa Lammilee Keeniyaa Biratti Kan Jalqabaati
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:21 0:00

XS
SM
MD
LG