Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bulchaa USAID: Manni-maree Bakka-Bu’ootaa Yunaayitid Isteets Baajeta Gargaarsa Sagantaalee Wabii Nyaataa Wajjiin Wal-qabataniif Maallaqa Gahaa Ramadu Amantaa Jedhun Qaba


Bulchaan Dhaabbata gargaarsa Misooma Sadarkaa Addunyaa Yunaayitid Isteets yokaan USAID – Maark Griin, manni-maree bakka-bu’ootaa Yunaayitid Isteets – baajeta bara kuma lamaa fi kudha-saddeetii raggaasisu keessatti gargaarsa namoomaa fi sagantaalee wabii nyaataa wajjiin wal-qabataniif maallaqa gahaa akka ramadu, amantaa mirkanaawaa akka qaban dubbatu.

Wixineen baajetaa – Prezidaant Donaald Traampiin dhihaate, baajeta USAID baay’ee gad muruun isaa beekamee jira.

Ergamaa addaa muummicha-ministaraa Hayile-maariyaam Dessaalegni ka tahan – Ambaasadder Birhaanee Gabre-Kiristoos gama isaaniitiin, Mr. Mark Griin, muummicha-ministaraa Hayile-maariyaam waliin marii geggeessan keessatti, gargaarsi biyyattiif kennamu kan itti fufuu tahuu mirkaneessuu isaanii dubbatanii jiran.

XS
SM
MD
LG