Xurree ittiin seenan

Harargee Lixaa Keessatti Humnoota “Liyyuu Poolis”, Ka Naannoo Somaalee fi Jiraattota Aangaa Mi’eessoo Gidduutti Walittti-bu’insi Uumame Lubbuu Galaafate

  • Namoo Daandii

Harargee Liixaa naannoo Mi'eessoo

Godinaa Harargee Lixaa, aanaa Mi’eessoo keessatti humnoota poolisii Bulchiinsa Naannoo Somaalee, ka “Liyyuu poolis” jedhamaniin halellaa geggeessameen poolisii Oromniyaa tokko dabalee namoonni saddeetii ol du’uu isaanii jiraattonni beeksisan.

Kanneen Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsa kennan, jiraattonni Mi’eessoo akka jedhanitti, Kibxata dabre, gaafaf Hagayya 29, magaalaa Mi’eessoo keessatti poolsii tokko tu human “Liyyu Poolsi” jedhamuun ajjeessame. Kaleessa, gaafa Hagayya 30 immoo, magaalaa Mi’eessoo ti ala lafa Bareedaa jedhamutti humnoota poolisii Somaalee sabaa fi jiraattota gidduutti walitti-bu’insa uumameen horsiisee-bultoota yoo xiqqaate toorba tahan tu ajjeesame. Aangawoonni bulchiinsa naannoo Oromiyaa waa’ee walitti-bu’insa daangaa Oromiyaa fi naannoo Somaalee gidduutti geggeessamaa turee fi lubbuu galaafatee, dhiheenya kana, ibsa kennaa turan.

Qophii guutuu dhaggeeffadhaa

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG