Xurree ittiin seenan

Yunaaytid Isteetes Caama Itiyoophiyaa Keessaaf Doolaara Miliyoona 91 Dabalataan Kennite

  • VOA

Daayreekteera dhaabbata misooma sadarkaa addunyaa kan Yunaaytid Isteets (USAID) iif Daayreekteera kan ta’an Maark Griin dawwannaa guyyaa lamaaf Itiyoophiyaa keessa jiru. Mummicha ministeera Itiyoophiyaa Haayle Maariyaam Dassaalany waliin eega mari’atanii booda maallaqnii ku akka kennamu beeksiisan.

Itiyoophiyaan gargaarsa haatattamaatu ishee barbaachisa waan ta’eef gargaarsii arjoomamuu hunduu kallattiin karoorfameef ooluu akka qabu hubachiisan.Caama irra deddebi’ee biyyatti mudataa jiruuf mootummaan gama isaan akkuma bara darbee maallaqa akka ramaduu kana malees investeroonni dhunfaa walii wajjiin irratti hojjachuu akka qaban ibseen jira jedhan.

Mariin Obbo Haayle Maariyaam waliin gaggeessan kana irratti dhimmootiin siyaasaa ka’u isaanii fi sagaleen gama hundaa dhaga’amuu akka danda’uutti waltajjiin siyaasaa banamuu akka qabu akkasumas mirgii heera biyyatti irra ka’ame kabajamuu akka qabu hubachiseen jira jedhan Maark Griin.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG