Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jiraataa Naannoo Hiyusten: Manaa Ba’e Deebi’uun Abjuu Ta’e, Dawaan Liqimsuu Qabu Immo Manatti Hafe


Magaalaan Hiyusten, obomboleettii jandoo roobaa makatee itti bu’e ka seenaa keessatti isa hamaa tahe irraa har’a xiqqoo haara-galfattee jirti. Obomboleettiin jandoo makate sun amma gara biyya ollaa sanaa, Luuziyaanaatti cehuu isaa tu dubbatama.

Garuu roobni dhaabate jechuun rakkoon balaa sanaa dhumate akka hin taane dubbatu bulchaan magaalaa Hiyusten, Sylvester Turner Kamisa, guyyoota lamaa fi sadi’iif waan qulquulaa’ee nu irraa deemu fakkaata jedhan.

Oromoota balaa kana irraa lubbuun hafan keessaa tokko akka jedhanti manaa ba’e deebi’uu dadhabuun koo dawaa silaa fudhachuu qabu illee dhaqqabuu na dhorke yaaddoo irra na buuse jedhu. Booda garu Helikoptaraan fudhamuun isaanii dubbatan.Haadha warraa koo wajjiin guyyaa sadii booda qaamaan wal arginee jedhan.

Yeroo lolaan hammaate kanatti, humnoonni baraarsaa hedduun gara sanatti bobba’anii jiran. Ogeeyyiin kumaan lakkaawamanii fi kanneen fedhii ofiin bobba’an, namoota balaa keessa jiran baraaruuf itti seenanii jiran. Namoonni kuma hedduutti lakkaawaman, waldaa Kiristaanaa guddaa magaalaa Hiwusten keessa jiru keessa dahatanii jiran.

Gaaffii fi deebii gaggeeffame dhaggeefadhaa

Jiraataa Naannoo Hiyusten: Manaa Ba’e Deebi’uun Abjuu Ta’e, Dawaan Liqimsuu Qabu Immo Manatti Hafe
please wait

No media source currently available

0:00 0:14:07 0:00

XS
SM
MD
LG