Xurree ittiin seenan

Keeniyaan Seera Pilaastika Fayyadamuu Dhorku Labsite


Keeniyaan seera pilaastika fayyadamuu dhorku labsite

Keeniyaan Seera pilaastika fayyadamuu dhorku labsite. Seerri kuniin hujiirra kan oole kaleessa galgalaa kaasee yoo tahu, kanaan booda pilaastika biyyattii keessatti omishuus fayyadamuus dhorkeera. Kanaanis namni seera kana cabsee argame adabbii Doolaara Ameerikaa 38,000 ykn hidhaa waggaa 4’n akka adabamu lafa kaa’eera. Labsiin kuni qulqullina naannoo ka fooyyessu tahus, akka Waldaan Omishtootaa Keeniyaa jedhetti namoota 80,000 ol tahan hojiin ala godheera.

Gabaasi Gamtaa Mootummootaa akka jedhutti lammileen Keeniyaa ji’atti gara pilaatika miiliyoona 24ti fayyadamu
Gabaasi Gamtaa Mootummootaa akka jedhutti lammileen Keeniyaa ji’atti gara pilaatika miiliyoona 24ti fayyadamu

Kunis keessumaa magaalli guddittiin biyyattii Naayiroobiin balfa pilaastikaan akka xurooftu yoo godhu, dhiyeessa foon nyaataa magaala Naayiroobii keessaas miidhaa jiraa jedhu warri mana foon itti qalan hojjetan. Gabaasi Qeeraa biyyattii keessan jiran irraa argame akka jedhuttis, garaacha horiiwwan qalmaataaf dhiyaatanii keessatti pilaastiiki baayyinaan mullataa jira. Kunis namoota magaalattii foon sana bitanii nyaatan fayyaa isaaniillee hubuu danda’a. Keeniyaan labsii kana marsaa kanaan milkooftee yoo hojiirra oolchite, Baha Afriikaa keessaa fayyadama pilaastikaa dhorkuun Ruwaandaa fi Eertiraatti aansitee biyya sadaffoodha taati.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG