Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kooriyaa Kaabaa Misaahela Jaappaan Irra qabdee Dhukaastee Sababaan 'Shaakala Waraanaa Kooriyaa Kibbaa fi Yunaaytitid Isteets Geggeeessani' Jette


Kooriyaa Kaabaa, Misaahela Baalastik Jaappaan irra qabdee dhukaasuu isheetiif sababaan shaakala waraanaa dhiheenya Kooriyaa Kibbaa fi Yunaaytitid Isteets geggeeessan ta’uu dubbatti.

Har’a ganama, maddi oduu biyyoolessaa biyyattii Prezidaant Kim Jong Un dubbachuu isaanii eeruun akka gabaasetti, “yaaliin dhukaasa misaahelaa sun akkuma waraansa dhugaa ti” jedhan prezidaantichi. Kooriyaa Kaabaa, naannawa Paasifikitti dhukaasa sana geggeessuun ka jalqabaa ta’uu ibsanii, kun tarkaanfii bu’a qabeessa, Mootummaa Gu’aam maadheffate of irraa ittisuu dandeessisu akka ta’e illee dubbatan.

Muummichi-ministaraa Jaappaan – Shiinzoo Abe fi Prezidaantiin Kooriyaa Kibbaa – Moon Jayin, har’a, telefoonaan dubbachuudhaan, dhukaasa misaahelaa Kooriyaa Kaabaa torban dabre geggeessite sana balaaleffatanii, dhimma kana karaa marii furuutti akka deebitu Kooriyaa Kaanaa irra dhiibbaan daran kaayamuu qaba – jechuun isaanii gabaasamee jira.

Golli naga-eegumsaa ka Tokkummaa Mootummootaas, kallattiidhuma sanaan akka tarkaanfiin fudhatamuu qabu ibsa baaseen ibsee jira.

XS
SM
MD
LG