Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jiraattoota : Angawaan Ka Afaaniin dubbatanii fi Dhugaan Qabatamaan Hojjatamaa Jiru Wal Hin Argu


Oromiyaa keessatti mormiin lagannaa gabaa xumuramuu isaatti aansee daldallii fi tajaajiila geejibaa bakka duriitti deebi’aa akka jiru kan ibsame ta’uus kanneen daldalaa fi tajaajiila geejibaatti deebi’uuf yaalanii mootummaan nu dhorke jedhan dhaga’amaa jiran.Eenyuu isin ajajnaan dhaabdanii ? Eenyu immoo isin ajajnaan jalqabdu nuun jedhan jedhu jiraattonni.

Tarkaanfii fudhatamaa jiru keessaa manneen Saamsaman jechuun itti maxxanfamee banuu diduu, kokolaataa Bajaajjii iddoo tokkotti walitti qabanii kaa’uu, maallaqa baasisuu akkasumas waraqaa akeekkachisaa mallatteesisuun keessatti argamu.

Hogganaan biroo dhimmoota komunikeshinii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Addisuu Araggaa garu torban darbee raadiyoo sagalee Amerikaaf ibsa kennaiin karaa nagaan gaaffii, mufannaa fi yaada ofii ibsuun mirga ta’u isaa xuquun kanneen daldala cufuu isaaniin kan ka’e mallattoon saamsameera jedhamu irratti maxxanfame yoo jiru ta’e dogoggoora jechuun isaanii ni yaadatama.

Walitti bu’iinsa daangaa Oromiyaa fi bulchiinsa naannoo Somaalee gidduu furuuf tattaafiin itti fufuu isaa fi haga ammaatti aanalee 49 gara Oromiyaatti cituu dubbatan. Kanaaf jecha anaaleen oromiyaa gara bulchiinsa nannoo somaleetti citan inni jedhu dogoggora jedhan.

Hogganoota paartilee mormituu hidhaa keessa jiran kan ilaaleen bulchiinsa keenya jalatti hidhamanii waan hin jirreef kan nu ilaaluu miti jedhu.aangaan keenya haa kabajamuu akkasumas hidhamtoonni siyaasaa martii hidhaa keessaa haa baafaman gaaffii jedhu kan qabu ture mormiin gabaa lagannaa kun.

Jiraattoota : Angawaan Ka Afaaniin dubbatanii fi Dhugaan Qabatamaan Hojjatamaa Jiru Wal Hin Argu
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:35 0:00

XS
SM
MD
LG