Xurree ittiin seenan

Breaking News

Angawaa Oromiyaa: Karaa Nagaan Mormuun Mirga, Hokkara Kakaasuun garu Yakka


Faayilii - Itti gaafatamaa biiroo dhimmoota kominikeeshinii Oromiyaa obbo Addisuu Araggaa Qixxeessaa
Faayilii - Itti gaafatamaa biiroo dhimmoota kominikeeshinii Oromiyaa obbo Addisuu Araggaa Qixxeessaa

Oromiyaa keessatti mormiin lagannaa gabaatiin gaggeeffamu har’a guyyaa sadaffaaf itti fufuu isaa hogganaan biroo dhimmoota komunikeshinii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Addisuu Araggaa ibsanii jiru.Dilaala ykn gibiraa humnaan olii hin baafnuu,daangaan keenya haa kabajamuu akkasumas hidhamtoonni siyaasaa martii hidhaa keessaa haa baafaman gaaffii jedhu kan qabu ture mormiin gabaa lagannaa kun.

Mootummaa irratti Mormii, gaaffii ykn mufannaa qaban karaa nagaan dhiyeessuun mirga kan jedhan obbo Addisuun garu Kanaan daahaatanii gocha hokkaraan guutamee gaggeessuu fi badii adda addaa geesisuun yakka jedhan.

Badii gaggeeffame jedhan ennaa ibsan, foddaa Awutoobusa imaltootaas ta’e kan kokolaataa xixxiqqaa caccabsuu ykn balaan akka isaan mudatu gochuu, namootaa fi qabeenya daldalaa namoota mormii kanatti dabalamuu didanii dhagaan reebuu akkasumas namoonni fedhii isaaniin ala mormii kanatti akka dabalaman gochuuf humnaan dirqisisuun ykn midhaa kanneen biroo dhaqqabsisuun yakka akka ta’e hubachisan Obbo Addisuu Araggaa.

Kanaafis jecha mootummaan nageenya lammiwwan isaa fi biyyatti eegsisuuf dirqamnii kan irra jiru ta’u hubachisan.

Gaaffi fi deebii guutuu armaa gaditti dhaggeefadhaa

Angawaa Oromiyaa: Karaa Nagaan Mormuun Mirga, Hokkara Kakaasuun garu Yakka
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:38 0:00

XS
SM
MD
LG