Xurree ittiin seenan

Breaking News

Obonboleettiin Rooba Makatee Karaa Daangaa Meksiikoo Irra Gara Kutaa Yunaayitid Isteets Teksaasitti Dhihaataa Jira.


Obonboleettiin jandoo roobaa makatee fi “HURRICANE HARVEY” jedhame, galaana how’aa karaa daangaa Meksiikoo irra ennaa ga’u humna dabalachuudhaan gara kutaa Yunaayitid Isteets, Teksaasitti dhihaataa jira.

Ogeeyyiin Metrooloojii Yunaayitid Isteets akka jedhanitti, obonboleettiin jandoo makate kun, har’a gara boodaa ennaa kutaa Teksaas sana dhaqqabutti balaa cimaa akka ta’uuf deemu beekamee jira.

Fiiginsi qilleensa kanaa sa’aatiitti kiiloo-meetira dhibba lama caalaa akka ta’uu fi lafa daangaa irraa bal’inni isaa kiiloo-meetira dhibba ja’a ta’u irra akka buubbisuuf jiru akeekkachiisan – ogeeyyiin Metrooloojii kun.

Daarektarri To’annaa Balaa Hatattamaa, ka Mootummaa Federaalaa yokaan FEMA – Brok Loong, madda oduu CNN-f ibsa kennaaniin, kan isaan yaaddessu, cimina balaa caalaa namoonni daangaa galaanaa irra jiran akka mana isaanii gad-lakkisanii baqatan akeekkachiisa aangawoota irraa kenname laaffisanii ilaaluun achuma turuu isaanii akka tahe dubbatan.

XS
SM
MD
LG