Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kaabuulitti Masjiida Musliimota Shi'aa Irrattti Haleellaa Godhameen Lubbuun Namootaa Galafatame


Kan magaalaa Kaabul keessatti argamu, masjiida Musliimota Shi’aa tokko irratti, har’a yeroo salaatatti haleellaa boombii of wareeginsaa geggeessameen, poolisoota lama dabalee – yoo xiqqaate namoonni digdamni du’uu dubbatu – aangawoonni Afgaansitaan.

Dubbi-himaan ministara dhimma biyya keessaa Afgaanistaan, Najiib Daanish akka jedhanitti, yeroo uummatni hedduun salaataaf gara Majiiba Imaan Zamaanitti ol seenaa turetti, yoo xiqqaate of-wareegaa tokko tu balbala irratti boombii of irraa dhoose.

Garee Islaamik Isteet tu haleellaa kanaaf itti gaafatama fudhate.

Naannoon sun battalumatti ka poolisiin marfame yoo tahu, dho’insa sanaa booda, masjiida sana keessaa dhukaasni dhaga’amuun gabaasamee jira.

XS
SM
MD
LG