Xurree ittiin seenan

Breaking News

Golli Naga-eegumsaa ka Tokkummaa Mootummootaa fi Gamtaan Afrikaa Finfinneetti Waliin Walga’ii Taa’uuf Jiran


House Speaker Nancy Pelosi looks at small flags placed on the grounds of the National Mall by activists from the COVID Memorial Project to mark the deaths of 200,000 lives lost in the U.S. to COVID-19, in Washington, D.C.
House Speaker Nancy Pelosi looks at small flags placed on the grounds of the National Mall by activists from the COVID Memorial Project to mark the deaths of 200,000 lives lost in the U.S. to COVID-19, in Washington, D.C.

Dubbi-himaan Ministirii Dhimma-alaa Itiyoophiyaa – Obbo Melles Alem akka ibsanitti, Golli naga-eegumsaa ka Tokkummaa Mootummootaa fi Gamtaan Afrikaa, magaalaa Niwu Yoorkii alatti, walga’ii akkanaa ageggeessuun kun ka jalqabaa ta’uuf deema. Dura-taa’aan Koomishina Afrikaa – Muusaa Faakii, baatiilee haga tokkoo dura yeroo Niwu Yoorkiin daawwatanitti, Tokkummaa Mootummootaa wajjiin daran walitti-dhufeenyaan hojjechuuf walii-galttee tolchan irraa bu’aa argame akka ta’etti fudhatamuu danda’a – walga’iin dhiheenyatti Finfinneetti geggeessamuuf deemu kun.

Gola naga-eegumsaa Tokkummaa Mootummootaa keessatti, miseensa jijjiiramtuu ka taahe – Itiyoophiyaan, yeroo dhihootti prezidaantii akka taatuu fi itti-gaafatama isaas akka fudhattu kan eeran – dubbi-himaan ministirii dhimma alaa Itiyoophiyaa – Obbo Melles Alem, walga’iin Finfinnee keessatti geggeessamuuf jirus gama gola-naga eegumsaa Tokkummaa Mootummootaatiin Prezidaantummaa Itiyoophiyaan kan hoogganamu tahuu dubbatu. Itiyoophiyaan prezidaantii mana-maree naga-eegumsaa sana ta’uun hirmaannaa ishee akka hirmaannaa ishee dabalu illee ibsan.

Kan Qaammee lamaa fi sadii magaalaa Finfinneetti geggeessamu – walga’iin walitti-dhufeenya mana-maree naga-eegumsaa Tokkummaa Mootummootaa fi Gamtaa Afrikaa kun, haala yeroo ammaa Somaaliyaa, Sudaan Kibbaa fi naannoo Haroo Chaad keessatti mul’atutti fuuleffatee kan mari’atu ta’uu ibsan – dubbi-himaan Ministirii Dhimma alaa Itiyoophiyaa kun. Sochii Amisoom, Al-shabaabiin waraanuuf gochaa jiru irratti, akkasumas, naannoo Haroo Chaaditti duula garee Boko-Haraam irratti geggeessamu irrattis ka dubbatamu ta’uu beeksisanii jira.

Ambaasaddarootni biyyoota miseensota Gola Naga-eegumsaa Tokkummaa Mootummootaa kudha-shanan yeroo walga’ichaaf gara Finfinnee dhufanitti, muummicha-ministaraa Itiyoophiyaa waliin akka wal arguuf jiran dubbatu.

Golli Naga-eegumsaa ka Tokkummaa Mootummootaa fi Gamtaan Afrikaa Finfinneetti Waliin Walga’ii Taa’uuf Jiran
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:42 0:00

XS
SM
MD
LG