Xurree ittiin seenan

Jiraattoota: Weerara Dhukkubaan Lubbuun Namaa Darbe

  • Jaallannee Gammadaa

Godiina Harargee Bahaa aanaa Kombolchaa magaalaa Malkaa Raafuu keessatti weerarri dhukkuba garaa baasaa fi haqqisaa arifachisaan erga seenee torban tokko lakkofsisuu isaa jiraatonni ibsanii jiru. Sababaa dhukkuba Kanaan namoonni du’an akka jiran kana malees buufata fayyaa naannoo keessatti kanneen dhukkubsataa jiran dhibbatti laka’amu jedhu. Yeroo ammaa kanneen nama jalaa dhukkubsatte gara buufata fayyaatti eega geessanii booda ofii iyyu dhukkubichaan kan qabamaa jran jiraachuu ibsan.

Bulchaan aanaa Kombolchaa Obbo Taarikuu Baqqalaa weerarri dhukkubichaa seenuu isaa ibsanii garuu irraa jala kanneen dhukkubsatan wal’ansa argachaa fi fayyaa akka jiran dubbatan. Namnii du’e jira jechuu bira darbanii lakkobsaan meeqa akka ta’an maaliin akka du’an garu ibsuu hin feene.

Ammaan duras dhukkubii wal fakkaataan naannoo sanatti kan ka’e ta’uus to’annaa jala oolchuu dandeenyee jirra jedhan.Inni amma kun haala foyya’aa fi to’achuun danda’ame irra jira jedhu.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG