Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mormiin Gabaa Lagachuu Oromiyaa Keessatti Itti Fufee Jira


Faayilii - Mormii gabaa lagachuu,Oromiyaa, Adoolessa Bara 2017
Faayilii - Mormii gabaa lagachuu,Oromiyaa, Adoolessa Bara 2017

Oromiyaa keessatti tilmaama galii guyyaa fi gibirri nutti heddummaate jechuun mormiin geggeesamuu erga jalqabee guyyoota lakkoofsisee jira. Akkuma Kanaan godinaalee Oromiyaa hedduu magaalaalee adda addaa kan akka Dambi Dolloo, Gimbii, Amboo, Shaashamannee, Haromayaa fi kanneen biro keessatti har’a mormiin gabaa lagachuu geggeessamaa jiraachuu jiraattonni nuu ibsanii jiran.

Mormiin guyyaa har’aa waa’ee gibiraa qofa utuu hin taane hidhamtoonni siyaasaa haa hiikaman, lafti Oromiyaa naannoo Somaleetti cituun haa dhaabatu kan jedhu keessatti argama.

Mootummaan tilmaamni galii guyyaa kun dogoggora qabaachuu isaa sirreessuufis hojjetaa kan jiru ta’uu beeksisee jira.

Kun kan beeksisame muummichi ministeeraa Haayilamaariyaam Dassaaleny hawaasa daldlaa wal ga’iif waamanii haasaa xumura torban darbe dhageessisan irratti ture.

Mormii kana ilaalchisuun jiraattota godinaalee fi magaalaalee Oromiyaa addaa addaa keessaa hanga tokko haasofsiisnee.

Kutaa 1ffaa

Mormiin Gabaa Lagachuu Oromiyaa Keessatti Itti Fufee Jira: Kutaa 1ffaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:02 0:00

Kutaa 2ffaa

Mormiin Gabaa Lagachuu Oromiyaa Keessatti Itti Fufee Jira; Kutaa 2ffaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:39 0:00

XS
SM
MD
LG