Xurree ittiin seenan

Breaking News

Barataa Qabxii Olaanaa Argachutti Milkaa’e


Qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa barana Guutummaa Itiyoophiyaa keessatti kenname sadarkaa biyyaattii qabxii ol’aanaa galmeessuun tokkoffaa kan ta’e barataa Yooftaahee Baa’isaa Milkeessaa ture.

Abbaan isaa Obbo Baa’isaa Milkeessaa ijoollee kudhan qabu. Yoftaaheen mucaa isaanii isa arfaffaa dha.Nagallee boranaatti dhalatee barnoota hanga kutaa tokkotti jiru Amboo keessatti barate.

Kutaa lamaa hanga kudhanti mana barumsaa Finfinnee keessa jiru “Hiil Toop” achiis kutaa kudha tokkoo fi kutaa kudha lama immo mana barumsaa “Omeegaa” Jedhamu keessatti xumure.

Gosnii barnootaa barachuuf fedhu kan Enjineerummaa xayyaarootaa fi Rookeetoota hawaa (Aeronautical Engineering) biyya keessa jirachuu baatus gara biyya alaatti deemee barachuuf qormaata adda addaa fudhataa akka jiru ibsee jira.

Hagasitti biyya keessatti barnoota wal’ansa fayyaa kan sadarkaa Doktorummaa kan hordofuuf jiru ta’uus “ Dhabaa mannaa malee “ fedhii isaa akka hin taane dubbata.

Garu qormaata barnoota biyya alaa na geessu otoo hin taane rakkoon koo Ispoonsara yaaddoo jedhu qaba.

Gaaffii fi deebii caqasaa

Barataa Qabxii Olaanaa Argachutti Milkaa’e
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:29 0:00

XS
SM
MD
LG