Xurree ittiin seenan

Breaking News

Shamarreen Lammii Somaalee Gumii Tokkummaa Mootummootaaf Haasaa Dhageessisuuf Jirti


Lammiin Ameerikaa hidda dhalata Somaalee Minnesota irraa ta’e gumii walii galaa kan tokkummaa mootummootaa NY keessatti geggeessamuuf jiru irratti dargaggoota bakka bu’uun hasaa dhageesisuuf jirti. Kan Yunivarsitii Harvard seenuuf jirtu Muniifaa Khaliif dargaggoota wal ga’ii kana irratti hirmaachuuf iyyata galfatan 350 keessaa filatamte.

Muniiraan akka jettutti wal ga’ii kana irratti kan argaman keessaa dargaggeettii ennaa taatu tarii sagaleen koo barbaachisaa ta’uu dhiisuu mala. Nuti garuu kan of yaadachiisuu qabnu sagaleen kan koos barbaachisaa dha ka jedhu jette.

Muniiraan taajjabdoota dargaggootaa Ameerikaa gumii sana irratti argan ja’affaa dha. Sagantaan dargaggoota hirmaachisu kun kan qindaa’e ministrii dhimma alaa fi waldaa tokkummaa mootummootaa Ameerikaan ta’uun beekameera.

Muniiraan Yunivarsitiiwwan beekamoo saddeet biraa waraqaa simatamuu kan argatte ennaa ta’u achi keessaa Harvard filatte.

XS
SM
MD
LG