Xurree ittiin seenan

Prezidaant Traamp Gorsaa Gameessa Kan Ofii Hojii Irraa Ari’an

  • VOA

Prezidaant Doonaald Traamp gorsaa addaa tarsiimoo ol aanaa isaanii Steve Bannon aangoo irraa irraa ar’uuf murteessuu isaanii angawoota gameeyyii kan bulchiinsa isaaniitti himanii jiran.

Steve Banon jalqaba bulchiinsichaa qabee gorsaa akkaan falmisiisaa turan.

Kan Traamp akka filatamaniif gargaaran jedhaman Bannon hoogganoota beekamoo garee gama lixaa waliin walitti bu’aa turan.

NewYork Times akka jedhutti Bannon xalayaa ittiin hojii gad dhiisan guyyoota 11 duraa prezidaantichaaf dhiyeessan. Dhimma mormii charlottsville keessatti ka’een boodatti harkifate jedhameera.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG