Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hogganaan Koriyaa Kaabaa Faarsu Traamp


Hogganaan koriyaa kaabaa Kim Jong Un gara handaara galaana lafa qabeenya Amerikaa taate Guam irratti dhukaasa misaa’eelaa saganteeffatanii turan yeroo biraatti dabarsuun murtii ooguma qabuu fi sababaa ga’aa qabu jechuun prezidaant Donaald Traamp har’a beeksiisan.Traamp ergaa Twitarii barreessanii inni kun karoorichii duraanii fixiinsa kan dhaqqabsisuu fi fudhatama kan hin qabne ture jedhan.

Hogganaan koriyaa kaabaa sabaa himaa mootummaa irratti dubbatan jechuun kaleessa akka gabaasanti karaa gama Jaapaaniin gara bishaan Guam cina jiruutti misaa’eela 4 dhukaasuuf karoora ba’e yeroof dhaaban.Kunis jarreen Amerikaa tarkaanfii hamaa balaa guddaa geesisuu fi gatii hin qabne sana ni fudhatu yoo ta’e ilaaluuf jedhan.

Dinagdee Koriyaa kaabaaf utubaa akkasumas michuu cimtuu kan taate Chaayinaan piyoong yaang fi Waashingtoonf akka ibsiteeti lameenuu sodaa guyyoota dhiyeenya kanaa fi torbanneeniif ofaa turan mara irraa akka of qusatan gaafatte.

Koriyaan kaabaa Yunaaytid Isteetesiin misaa’eelaan haleeluuf dandeetti qabdi jedhu Kim.Traamp immoo gama isaaniin Amerikaan deebiin laattu kan addunyaan ammaan dura argee hin beeknee hamaa ta’uuf jira jedhu.

XS
SM
MD
LG