Xurree ittiin seenan

“Hokkara Uumameef Gam lameen Itti Gaafatamoo Dha “ Prezidaant Traamp

  • VOA

Trump

Verjiniyaa chaarletsviil keessatti Sambata darbee hokkara sanyii irratti hundaa’ee lubbuu namaa galaafate sanaaf prezidaant Donaald Traamp gam lameen komatan.

Wiixata darbee ibsa kennaniin jarreen adii qofa lellisan fi gurmuu lellistoota Naazii balaaleffatanii. Garu kanneen jarreen kana mormuun hiriiran kan ilaaleen waa hin jenne turan.

Garu Kibxata kaleessaa waajiira isaanii magaalaa Neew Yoork keessa jiru irraa Traamp akka dubbatanti caasaa biyyatti deebisnee haa ijaarru jedhan.Garu tuutii oduu gabaastootaa ibsa Traamp caqasaa turan wacuudhaan Traamp maaliif waa’ee hokkara gaggeeffamee ibsa tokko ituu hin kenniin guyyaa lama akkamitti akka itti fudhate gaafataa turan.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG