Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mana-murtii Federaalaa Kessatti Har’a Himatamtoota Mormitootaa fi Qondaalota Mana-hidhaa Gidduutti Wal-dhibdee Uumameen Ragaa Of Irraa Ittisaa Dhaggeeffachuun Booritti Dabarsame


Har’a mana-murtii ol’aanaa Federaalaa, Ramaddii Lidetaa, dhaddacha yakkaa afuraffaatti, hoogganoota Koongiresa Federaalawa Oromoo galmee Obbo Gurmeessaa Ayyaanoon waamaman irraa ragaa of irraa ittisaa dhaggeeffachuun jalqabamee ture.

Garuu, qondaalli poolisii, hidhamtoota sana mana-hidhaa Qilinxootii gara mana-murtichaa geese, akka hidhamtootni laaqana maatiin isaanii dhiheessaniif nyaatan ajaja abbaan-murtii kenne waan fudhachuu dideef, wal-dhibdeen uumamee ragaa ittisaa dhageeffachuun booritti dabarsame – jedhu – maatiin himatamtootaa fi abukaatoon isaanii. Namoon, abukaatoo himatamtoota kanaa – Obbo Abdujabbaar Huseen Gammadaa Finfinnee irraa haasofsiisee jira.

Mana-murtii Federaalaa Kessatti Har’a Himatamtoota Mormitootaa fi Qondaalota Mana-hidhaa Gidduutti Wal-dhibdee Uumameen Ragaa Of Irraa Ittisaa Dhaggeeffachuun Booritti Dabarsame
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:52 0:00

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG