Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoogganaan Mormitoota Pakistan Daangaan Afgaanistan Waliin Jiru Akka Banamu Gaafatan


Hoogganaan garee mormituu beekamaa kan Paakistan Imraan Khaan hariiroon yeroo dheeraaf danqame kan biyyoota lamaanii kan hundaa’u daangaan gidduu isaanii banamuu fi daldala walabaa qabaachuu irratti hundaa’a jedhan.

Paakistan kaangaa Afgaanistan waliin jiru kan fageenya km 2600 dallaa itti ijaartee jirti. Angawoonni projektii hojichaa deggeruu dhaan yakkamtoonni fi shororkeessonni akka hin darbine uggura, akksumas tattaaffii farra shororkeessummaa kan gam lamaaniif ta’u gargaara jedhan.

Mootummaan Afgaanistan karoora eegumsa daangaa kana mormee jira, sababiin isaas Kabul durumaanuu falmii daangaa sararuu kan yeroo bittaa Britian qabee jiru qaba.

XS
SM
MD
LG