Xurree ittiin seenan

Breaking News

Shakkamaan Haleellaa Barseloonaa Tokko To’annaa Jala Oole


Haleellaa shororkeesotaa Baarseloonaa keesatti kaleessa raawwatee namoota 14 galaafatee hedduu madeesseen kan wal qabate poolisiin Katalaan namoota afur to’annaa jala oolchee jira.

Shakkamaa to’annaa poolisii jala jiru barbaadaa jiraachuu poolisiin ibsee, Moussa Oukabir shofeera konkolaataa jamaa karaa deemutti oofuun fixee ta’uu fi dhiisuu hin beekamin jira.

Obboleessi isaa Driss Oukabir kaleessa kan qabame Barseloonaa irraa gama kaabaatti fageenya km 100 irra bakka jiru Ripoll jedhamutti qabeme.

Prezidaant Traamp ergaa Twitter barreessaniin akka jedhanitti US waan danda’ame maraan Spaainiin deggeruuf cina ishee ni dhaabatti jedhan.

XS
SM
MD
LG