Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mummichi Ministeera Itiyoophiyaa Dabalatee Angawoonni Shan Ragaa Ittisaaf Akka Dhiyaatan Manni Murtii Ajaja Kennee Jira


Galmee Obbo Gurmeessaa Ayyaanootiin kanneen himataman hoogganoota koongiresa federaalawa Oromoo mana-hidhaa Qilinxoo jiran maraaf, manni-murtii federaalaa ol’aanaan, ka Lidetaa jiru, Wixataa darbee jalqabee hanga har’aatti ragaa of irraa ittisaa dhaggeeffataa ture.

Abukaatooleen himatamtootaa, muummicha ministeera Itiyoophiyaa – Obbo Hayile-maariyaam Dessaalenyi dabalee – angawoonni biyyattii ol’aanoon shan akka maammiloota isaaniif ragaa of irraa ittisaa ta’anii dhihaatan mana-murtii gaafatanii jiran.Manni murtiis ajaja kennee jira.

Gama biraatiin immoo, otuu ragaan of irraa ittisaa Obbo Baqqalaa Garbaa dhaggeeffatamaa jiruu, abbaan-alangaa “garaachi na dhukkube nan beela’ee itti fufuu hin danda’u ” jechuun dubbatan. Obbo Baqqalaan kun gorsa aangawootaa argachuuf yeroo barbaacha malee sababaa qubsaa miti jechuun falmaa turan.Manni murtiis itti fufuuf qophii ta’u ibsu iyyu dhuma irratti deemsi mana-murtii sun addaan cite jedhu – Abukaatoolee keessaa tokko – Obbo Abdul-jabbaar Huseen Gammadaa.

Waaree booda garu itti fufee baatii Onkolooleessa bara 2017 tti bellamnii biraa kenname.

Mummichi Ministeera Itiyoophiyaa Dabalatee Angawoonni Shan Ragaa Ittisaaf Akka Dhiyaatan Manni Murtii Ajaja Kennee Jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:47 0:00

XS
SM
MD
LG