Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ameerikaan Lamiiwwan Ishii Itoophiyaa Jiranii fi Garas Deemanii Akeekkachiisa Imalaa Haaraa Baaste


Ministiriin dhimma-alaa, ka Yunaayitid Isteets, Itiyoophiyaa keessa jeeqamni uummataa fi murtii seeraa tii ala hidhuun jiraachuu mala – jechuudhaan, gara sanatti imaluun akka balaa qabaqachuu malu akeekkachiistee jira. . Keessumaa naannawa Gonderii fi Bahir-daar, akkasumas, godinaalee Oromiyaa garii keessatti tasgabii-dhabinsi itti fufuun isaa gabaasamee jira – ka jedhu, ministriin dhimma-alaa Yunaayitid Isteets kun, akeekkachiisa ammaan dura, gaafa Waxabajjii 13, bara 2017 baase ture irra-deebi’ee haaresse.

Mootummaan Itiyoophiyaa quunnamtii interneetii, daataa mobaayilii fi tajaajila telefoonaa daangessuuf akka dandeettii fi fedhii isaa qabu mirkaneessee jira – ka ajedhu – ibsi ministrii dhimma-alaa Yunaayitid Isteets irraa bahe kun, tarkaanfiin kun immoo akka Embaasiin Ameerikaa lammiwwan biyya isaa Itiyoophiyaa keessa jiran wajjiin wal hin quunnamnee fi tajaajila hin kennine ka daangessu ta’uu hubachiisee jira. Kana malees, Mootummaan Itiyoophiyaa, waa’ee lammiwwan Yunaayitid Isteets biyya isaa keessatti hidhuu Embaasicha Ameerikaa kan hin beeksisne ta’uu dubbata – ibsi kun.

“Bakkawwan hiriirawwanii fi walga’iileen guguddoon jiran irraa fagaadhaa. Haala naannoo keessan jiru otuu wal-irraa hin kutiin xiinxalaa, bakka jirtanitti nageenyi keessan hagam amansiisaa akka tahe madaalaa” – jechuun kan lammiwwan isaa akeekkachiisu – ibsi Ministrii Dhimma-alaa Yunaayitid Isteets irraa bahe kun, “hiriirawwan irratti mootummaan akka humna gargaaramuu maluu fi itti dhukaasuu malu hubadhaa. Walga’iin karaa nagaa geggeessamuu yaadame illee deebiin hokkaraa akka mudatuu malu yokaan gara hookkaraatti akka jijjiiramuu malu hubachuu qabdan” jedha.

Kanaaf lammiwwan Yunaayitid Isteets Itiyoophiyaa keessa jiran, haala nageenya isaanii guyyaa-dhaad-guyyaa to’atanii, yoo tarii battalatti achii bu’uun irra jiraate, karoora akka qopheeffatan akeekkachiisee jira.

Haala nageenyaa Itiyoophiyaa amansiisaa hin ta’iin kana keessatti, lammiwwan Ameerikaa mala quunnamtii ka biraa akka karoorfatanii fi yeroo Itiyoophiyaa keessa jiranitti quunnamtiin daangessamaa akka tahuu malu maatiiwwan isaanii akka dursanii beeksisan hubachiisee jira. Akkasumas, lammiwwan Yunaayitid Isteets Itiyoophiyaa keessa jiran marti, TEKSITII FI SMAS-dhaan akka odeeffannoo nageenyaa Embaasii Ameerikaa irraa argachuu dandandanitti, lakkoobsa telefoona isaanii harkaa yokaan mobaayilii isaanii akka Embaasichatti galmeessisan jabeessee gorsa – ibsi haaraan ministrii dhimma-alaa Yunaayitid Isteets bahe kun.

XS
SM
MD
LG