Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gaazzexeessan Yunaayitd Isteets Tokko Sudaan Kibbaa Keessatti Ajjeefame


Gaazzexeessaa Kiristoofer Allen Smbat-duraa darbe Suudaan Kibbaa keessatti ajjeefame
Gaazzexeessaa Kiristoofer Allen Smbat-duraa darbe Suudaan Kibbaa keessatti ajjeefame

Haati gaazzexeessaa Yunaayitid Isteets, Sudaan Kibbaa keessatti ajjeesamee, kan Kiristoofer Allen, ilmi isaanii gidiraa namummaa hedduu nama dhukkubsu irraa ija isaa deebifachuuu filachuu isaatiin kan wareegame ta’uu dubbatu.

Gidiraa namoomaa irraa fuula achi qabachuu diduun barbaachisaa akka tahe kan amanu – gaazzexeessichi Kiristoofer, umurii isaa waggaa 26 irraa eegalee waan itti amanu jiraate. Oduuwwan seenaa dhala-namaa jajjaboo tahan, Ukreen, Sudaan Kibbaa fi biyyoota Addunyaa ka biroo irraa gabaasaa ture.

Mootummaa Sudaan Kibbaa fi finciltoota biyyattii gidduutti wal-waraansa Sanbata dabre, gaafa Hagayya 26 geggeessame gidduutti, magaalaa daangaa biyyattii irraa Kaayaa jedhamtu keessatti ajjeesame – Kiristoofer Alen.

Haati isaa – Jooyis Kiraajiyaan, Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf gaaffii fi deebii kennaniin, “mamii tokko malee wanna hedduu nama gaddisiisuu fi namummaa sana keessa jiru ilaalee dhugaa ba’uu filate” – jechuun dubbatan.

Rasaasa mataa isaa seenteen du’e – Kiris. Waa’een ajjeefama isaa amma illee waan ifatti beekame hin jiru.

“Kiris gaazzexeessaa kaameraa baatee suuraa kaasu malee, kan qawwee AK-47 baatee dhukaasu hin turre. Inni loltuu qawwee dhukaasu miti” jetti – dhaabbata mirga gaazzexeessotaaf falmu – CPJ irraa – Anjelaa Kuwintaal. Waa’ee ajjeessamuu isaa akka guutummaatti qoratamu illee CPJn gaafatee jira.

XS
SM
MD
LG