Xurree ittiin seenan

Obonboleettii Teksaasin Lubbuun Namaa Dhabame Haga Ammaatti 39 Ga’ee Jira

  • VOA

Obonboleettii jandoo makatee kutaa Teksaas gama Kibba Bahaa, ka magaalaan Hiyusten keessa jirtu keessatti bu’een lubbuun namaa dhabame haga ammaatti 39 ga’ee jira.

Ogeessi metrooloojii – Jeef Lindner, kutaa Teksaas keessatti kan roobni cimaan haga Sentii-meetirii 120-maa gahu itti bu’e – bakka Kiliir Kirik jedhamutti akka tahe dubbatu.

Aanaa hariis keessatti yeroo uummatni jireenya isaa deebisee gad-dhaabbachuuf yaaduu jalqabetti, godaantonni aanicha keessa jiran immoo “yoo gargaarsaaf mootummaatti iyyanne, qabamnee hidhamna” yaaddoo jedhuun qabamanii jiran.

Bulchaan magaalaa Hiyusten garuu, Silvester Terner garuu, “namni kam iyyuu eega gargaarsa gaafatee booda kan hihdamu tahe, ani bakka-bu’een falmaaf” jechuun dubbatanii jiran.

Maatiilee namoota biyyoota biraa irraa achi godaanii fi barattoonni achi jiraatan, abdiin bulchaa magaalaan kenname kun isaaniif waan guddaa akka tahe dubbatu.

Qondaalonni immigireeshinii fi eegumsa daangaa biyyattiis, bakka balaan kun dhaqqabetti godaantota irratti akka tarkaanfii hin fudhanne beeksisanii jiran.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG