Xurree ittiin seenan

Breaking News

Traamp Sagantaa Namoota Ijoollummaadhaan Gara Yunaayitid Isteets Dhufan Gara Biyya Irraa Dhufaniitti Deebisuu Laalchisee Murtii Isaanii Boru Beeksisan Jedhameet Eeggama


Prezidaantiin Yunaayitd Isteets – Donaald Traamp, Kibxata dhufu kana, sagantaa namoota ijoollummaadhaan gara Yunaayitid Isteets dhufan gara biyya irraa dhufaniitti deebisuu irraa oolchu haquuf murtii dabarsan boor labsuuf jiru – jedhamee eegama.

Tarkaanfii prezidaantichi fudhachuuf jiran kana gaazzexeessotaaf kan ibsan – aangawoonni biyyattii, murtiin kun, akka manni-maree bakka-bu’ootaa dhimma kana irratti dubbatu yeroo kennuuf jecha, baatiilee ja’aaf boodatti harkifataa turee ka labsamuuf murtaawe ta’uu eeran.

Baqattoota ijoollummaan gara Yunaayitd Isteets dhufaniif kan mirga Yunaayitid Isteets keessa turuu kennu sagantaa prezidsaantii duraanii – Baaraak Obaamaan gad-dhaabbate sana keessaa miseensonni mana-maree Yunaayitid Isteets qooda hin qaban.

Traamp yaada isaaniim, ka saganticha buqqisuu kana jijjiiruu akka malan illee dubbatu aangawoonni.

XS
SM
MD
LG