Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhaabbanni Mirga Dhala Namaaf Falmu Tokko Mootummaan Saawdii Arabiyaa Karoora Lammiiwwan Itoophiya Dhibbaan Lakkaawwaman Galchuudhaa Qabu Akka Dhaabu Gaafate


Gareen Mirga Dhala-namaaf falmu, Human Rights Watch, Mootummaan Saawudii Arabiyaa --- godaantota lammiwwan Itiyoopjhiyaa dhibba hedduu biyya isaa keessa jiraatan, kanneen haga dhuma baatii Hagayyaatti otuu hin galmaa’iin biyyaa baasuuf karoora baafate akka dhaabu gaafatee jira.

Hiyumaan Raayits Waachitti, Qorataan mirga dhala-namaa gameessi ka biyyoota Gaanfa Afrikaa – Feeliks Hoorn, godaantonni kun yoo gara biyya irraa baqataniitti deebifamaniif yaaddoon isaan qaban amansiisaa akka tahe dubbatan.

Yoo gara biyya irraa baqatan – gara Itiyoophiyaatti deebisaman, ajjeechaan, hidhaa fi dararaan akka isaan mudatuu malu dubbatu – jechuun, Raadiyoo Sagalee Ameerikaa, Tajaajila Gaanfa Afrikaaf kan ibsa kennan – Feelix Hoorn, “namni mootummaa cunqursaa jalaa baqatee dhufee, gara biyya irraa baqatteetti deebi’uu sodaatte, dahannaa yokaan eegumsa sadarkaa Addunyaa argachuuf mirga qaba” – jedhu.

Yeroo ammaa kana, lammiwwan Itiyoophiyaa kuma dhibba afurii haga kuma dhibba shanii ta’an tu Saawudii Arabiyaa keessa jiraata. Kanneen keessaa ka mootummaa biyyattiitiin galmeessamee jiru baay’ee xiqqoo dha.

Sawudiin, yeroo dheeraadhaaf biyya lammiwwan Itriyoophiyaa cunqursaa dheessan itti baqatan taatee ka jirtu yoo tahu, bara 2015 yeroo mormiin farra-mootummaa bulchiinsa naannoo Oromiyaa keessatti bal’inaan ka’ee irraa jalqabee lammiwwan kuma kurna hedduutti lakkaawaman tu gara sanatti dheessee jira – jedha – dhaabbatichi mirg dhala-namaa sadarkaa Addunyaa, Hiyuumaan Raayits Waach.

Ammaan dura, bara 2013, Saawudii Arabiyaan lammiwwan Itiyoophiyaa gara biyya isheetti baqatan 160,000 deebisuu ishee dubbata, Hiyumaan Raayits Waach.

Mootummaan Itiyoophiyaa gama biraan lammiwwan isaa biyyoota alaa irraa deebi’an ka simatu dubbata. Lammiwwan deebi’an irratti miidhaa geggeessa – ka jedhames ni haala. Hoogganaan Biiroo Koomiyunikeeshinii Mootummaa Itiyoophiyaa, Nagarii Leencoo, Mootummaan isaanii baqattoota deebisaman sana simachuuf ka qophaawaa jiru ta’uu dubbatu. “Mootummaan mirga lammiwwan isaa kabajchiisuuf hojjetaa jira. Nagaan gara biyya isaaniitti deebi’uu isaanii mirkabeessuuf gurmuun hojii tokko hundeessamee jira” jedhu.

XS
SM
MD
LG