Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manni Hidhaa Qilinxoon Erga Gubatee Waggaa Tokko Guute


Kilinto prison fire
Kilinto prison fire

Hagayya 3 bara 2016 Fininnee keessa ka jiran Manneen hidhaa Federaalaa jalatti kan argamu mana hidhaa Qilinxoo keessatti dhukaasaa fi ibiddda ka’e lubbuun namootaa galaafatee gamoo hanga tokko eega gubee waggaa guutee jira. Aangawaan Waajira Dhimmoota Koomiyunikaashinii Mootummaa Itiyoophiyaa sababaa Kanaan namoonni lubbuu dhaban 23 ta’u dubbatanii turan.

Sababaa balaa Kanaan kan ka’e waluumaa gala hidhamtoota 159 irratti himannaan kan dhiyaate yoo ta’u kanneen keessaa 38 gubachuu mana hidhaa sana waliin wal qabatee himannaa shorooreessummaa akkasumas 121 immoo gubannaa sana waliin wal qabatee himata yakka idileetu irratti dhiyaate.

Himatamtoonni dhaddacha duratti akka ibsanti gocha kana keessaa harka hin qaban.Warra mooraa sana bulchuutu ofii gocha kana gaggeessee nu himate jedhu. Hidhamtoonni mana hidhaa Qilinxoo guban jedhamuun himataman kun amma iyyu mana murtitti deddebi’a akka jiran abukaatoota isaanii keessaa tokko ibsanii jiru.

Sadarkaa maal irra akka jiran abukaatoota dhaabataniif keessaa tokko ka ta’an obbo Wandimmuu Ibsaa hedduun isaanii dhimmi xumuura ituu hin argatiin hafee bara dhufuutti darbuu isaa dubbatan.

Gaaffii fi Deebii gaggeeffame dhaggeefadhaa.

Manni Hidhaa Qilinxoon Erga Gubatee Waggaa Tokko Guute
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:39 0:00

XS
SM
MD
LG