Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tokkummaa Mootummootaatti Ambaasaaddarii Yunaaytid Isteets: Kim Jong Uum Waraansa Kadhachaa Jira


Tokkummaa Mootummootaatti, Ambaasaaddarittiin Yunaayitid Isteets, Niikii Halii, “hoogganaan Kooriyaa kaabaa – Kim Jong Uum, waraansa kadhachaa jira” jechuudhaan, gochaa kana irratti obsi Yunaayitid Isteets ka daangaa hin qabne akka hin ta’iin akeekkachiisanii jiran.

“Dhukaasni Niyuukilaraa fi doorsisni Niyuukilaraa inni deddeebisee geggeessu, waraansa akka kadhachaa jiru agarsiisa,” ka jedhan – Niikii Haalii, itti fufuudhaanis, “Waraansi wanna Yunaayitid Isteets barbaaddu miti. Amma nuti kana hin barbaadnu. Garuu, obsi biyya keenyaa ka daangaa hin qabne miti. Michoota keenyaa fi daangaa biyya keenyaa ni tikfanna” jedhan.

Kooriyaa Kaabaa, dhukaasa yaalii meeshaa Niyuukilaraa ja’affaa kaleessa ka geggeessite yoo tahu, Ambaasaaddar Haliin immoo, kana ilaalchisuun walga’ii hatattamaa Golli Naga-eegumsaa, ka Tokkummaa Mootummootaa geggeesse irratti kana dubbatan.

XS
SM
MD
LG