Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaaytid Isteets Kessatti Guyyaan Hojjattootaa Harra Kabajamee Oole


Baatii Fulbaanaa keessatti Wixata jalqabaa kan ta’e – guyyaan har’aa, as Yunaayitid Isteets keessatti, guyyaa hojjetootaa, kan qooda hojjetoonni, dinagdee biyyattiif gumaachan itti yaadatamu ta’uun ayyaaneffamee oole.

Dhiibbaa Waldaalee hojjjetootaa biyyattiin godhameen, bara 1894 irraa eegalee ayyaaneffamuu jalqabe, guyyaan hojjetootaa kun. Hojjetoota warshaalee waldootaan gurmaawaniin hiriirawwan geggeessamaniin ayyaaneffama – guyyaan kun.

Baatiilee soddomman dabran kana keessa, teknoolojii fi dinagdee addunyoomsuun babal’ataa deemuu irraa kan ka’e lakkoobsi miseensota isaanii gad bu’aa deemuu isaa dubbatu – waldaaleen hojjetootaa.

XS
SM
MD
LG