Xurree ittiin seenan

Breaking News

Al-shabaab Waggota Afuran Dhufan Keessatti Akka Injifatamu Waraana Yunaaytid Isteetsitti Ajajaan Damee Afrikaa Dubbatan


Al-shabaab waggoota afuran dhufan keessatti Somaaliyaa keessatti akka injifatamu, Waraana Yunaayitid Isteetsitti, ajajaan damee Afrikaa dubbatanii jiran. Ammaa booda, to’annaa humna naga-eegumsaa biyyattii tii ol tahuu akka hin dandeenyes ibsanii jiran.

Waraana Yunaayitid Isteetsitti, Ajajajaan damee Afrikaa – Jeneraal Toomaas D. Waldaawusar, tuta gaazzexeessotaa Gaanfa Afrikaa, mooraa ajaja sanaa biyya Jarmanii, magaalaa Ituut-gaard jiru daawwateef ibsa kennaniin kana dubbatan.

Gaaffii gaazzexeessota irraa dhihaateef ibsa kennaniin - Jeneraal Toomaas D. Waldaawusar, dameen waraanaa Yunaayitid Isteets isaan ajajan hojiin isaa ijoon akka biyyoonni Afrikaa mata mataatti rakkoo nagaa fi naga-eegumsa isaa ofii hiiklkatu dandeessisuu tahuu hubachiisan.

Yeroo gabaabaa keessatti dameen isaanii kun, guyyaa guyyaatti shororkeessota akka ajjeesaa jiru dubbatanii – galiin isaa inni yeroo dheeraa fi ijoon garuu, kanneen akka nagaa fi naga-eegumsi waaraa biyyoota Afrikaa keessa jiraatan qooda guddaa gumaachan – guddina misoomaa biyyootaa keessatti qooda gumaachuu dha – jedhan.

Humna naga-eegumsa Gamtaa Afrikaa waliin hojiin Somaaliyaa keessatti geggeessaa jiran kana irraa akka adda hin taane ka dubbatan – Jeneraalichi Yunaayitid Isteets, gareen shororkeessotaa Al-shabaab, haga filannoo Somaaliyaa itti-aanuutti kan injifatamu ta’uu dubbatan.

Tooraa kanaan hojiin ulfaataan Somaaliyaa keessaa, qaamota fi biyyotoa karaa adda addaa Somaaliyaa keessatti leenjii kennaa jiran walitti-qindeessuun bifa tokko qabachiisuu akka tahe dubbatu – Jeneraal Toomaas D. Waldaawusar.

XS
SM
MD
LG